Laga Awaash

Lagni Awaash (yeroo tokko tokko Awaas ni jedhama) laga guddaa Itoophiyaa keessati argamu keessa tokko. Lagni kun guutumaan guututti Itoophiyaa keessatti kan hafu yoo ta'u dhumarratti haroowwan tarreedhan walqabatanii argmanitti namma, kunis Haroo Gargoriitin jalqabee Haroo Abbee (ykn Abe Bad) kan daangaa Jibuutitti argamuun xumurama, naannon haroo dhumaa kun galoo galaanaa Taajuraarraa 100 km fagaate argama. Yaa'an galtuu lagaa kanaa naannoo Oromiyaa, Amaaraa, Sumaalee, fi walakkaa Affaar gara kibbaa uwwisa.

Ibsa

Lagni Awaash kibba Tulluu Warqeetii ka'a, kunis Finfinneerraa gara dhihaatti aanaa Dandii keessa, naannoo magaalaa Giincii, Shawaa Dhihaa, Oromiyaa keessa. Awaash jalqaba gara kibbaatti yaa'e erga Tulluu Cuqqaalaatti marsee booda gara bahaatti naanna'a, boodarraas gara kaabaatti naanna'uun Paarkii Biyyoolessaa Awaash keessa darba. Sana booda, karaa bitaa galtuusaa guddicha kan ta'e Lagni Garmaamaa (ykn Laga Kasam) Awaashitti makama, achii boodas naannoo 11° Ka 40° 30' B ttii gara kaaba-bahaatti jallatee erga deemee booda bakka 12° guutummaan gara bahaatti jallatee Haroo Gargoriitti namma.  

Akka gabaasni Abbaa Taayitaa Istaatistiiksii Itoophiyaa maxxanse ibsutti, Lagni Awaash 1200km dheerata. Barreessaan Encyclopædia Britannica bara 1911 yaa'aa gara gidduu laga kanaa yoo ibsu, Awaash "Laga guddaa kan yeroo caamaa 60m bal'atuu fi 1.2m gadi fagaatu, yeroo roobaa ammoo iddoo bona turerratti hanaga 15-20m dabaluudhan lafa naannoo laga sanaa jiru lolaadhan uwwisa" jedha.   

Galtuun laga Awaash kan birooo (tarreedhan gara gadiitii gara ka'umsa Awaashitti): Loogiyaa, Miillee, Borkannaa, Qabbannaa fi Laga Duukami. Magaalonni naannoo laga kanaa jiran Matahaaraa, Awaash, Gawwaanee fi Asaayittaadha.  

Seenaa

Ilmoon namaa sulula Awaash keessa dhufaatii sanyii namaarraa kaasee jiraacha ture. Giddu-galeessi Awaash bakaa itti lafeen hoominiidii nama-duraa (pre-human hominid) baayyen itti argamedha. 

Sululli Awaash yaa'aa gadii naannoo 9° Ka kaasee bara dheeradhaaf iddoo jireenyaa ummata Affaari. Sululli kun mootummoota Dawwaaroo, Fatagar, Ifaat, fi Shawaatti akka qaama bulchiinsa isaanitti dabalamee ture. Shawaadhan ala, mootummoonni kun erga Oromoon jaarraa 16ffaa keessa dhufee booda nibadani.

Namni Yuurooppi kan jalqaba laga Awaash hordofee bakka inni itti namu haroowwan Awussaa argate Wilfred Thesiger yoo ta'u kunis bar 1933/1934. Thesiger magaalaa Awaashii ka'e, yaa'a lagaas hordofee deemun Haroo Abbee erga argatee booda hanga Taajuraatti ittuma fufee deeme. Abuuraan L.M. Nesbitt jedhamu ya'aa laga Awaash gartokkesaa hordofee bara 1928tti kan ilaalee yoo ta'elle, Asaayittaa yeroo ga'u laga kanarraa goree gara kaabatti karaa Sulula Affaarin gara Galaana Diimaa qaxxaamure.  

Bara 1960tti, Hidhni Qooqaa iddoo Finfinneerraa 75 km fagaatee argamutti Laga Awaashirratti hojjatamee xumurame. Haroon kunis naannoo sanaaf madda anniisaa elektirikii guddaa ta'ee. Haroon hidha kanaan uummame Haroon Galiilaa (Kuusaa Qooqas ni jedhama) ballina naannoo isquweer km 180 ta'u qaba. Yeroo ammaa kana, hidhni fi haroon kun sababa cirrachaatin balaarra jira. 

Baankin Addunyaalessaa Awaash Laga Awaashitti moggaafame. 

Bineeldota

Sulullii Awaash Gadii iddoo hardiida Afrikaa itti kunuunsan kan dhumaati. Hardiidni kun Paarkii Biyyoolessaa Yaanguddii-Raasaa keessa guutummaan badaniiru, garuu ollasaa kan ta'e Kunuunsa Hardiidaa Miillee-Sardoo keessa ni jiru. Bineeldonni gurguddon naannoo kana jiraatan kan biraa saalaa (Beisa Oryx), busaawaa garagaraa kana akka  gugguuftuu (gerenuk), hiddii (Dorcas gazelle), kuruphee fi bosonuu, fi hardiida (Grevy's zebra).     

Wabii

  1.  "Climate, 2008 National Statistics (Abstract)", Table A.1. Central Statistical Agency website (accessed 26 December 2009)
  2. Richard Pankhurst, The Ethiopian Borderlands (Lawrenceville: Red Sea Press, 1997), p. 61
  3. As related in his memoirs, Hell-Hole of Creation: The Exploration of Abyssinian Danakil (New York: Alfred A. Knopf, 1935)
  4. Moehlman, P.D., Yohannes, H., Teclai, R. & Kebede, F. 2008. Equus africanus. In: IUCN 2011. IUCN Red List of Threatened Species. Version 2011.1. <www.iucnredlist.org>. Downloaded on 28 September 2011.
Listed in the following categories:
Post a comment
Tips & Hints
Arrange By:
There are no tips nor hints for Laga Awaash yet. Maybe be you will be the first one to post useful information for fellow travellers? :)
6.1/10
2,148 people have been here

Hotels nearby

See all hotels See all
Crown Hotel

starting $44

GLobal Hotel

starting $80

The Viewpoint Lodge Resort

starting $52

Beacon Hotel

starting $60

Avi Pension

starting $18

Soramba Hotel

starting $46

Similar tourist attractions

See all See all
Add to wishlist
I've been here
Visited
Jökulsárlón

Jökulsárlón is the best known and the largest of a number of gl

Add to wishlist
I've been here
Visited
Lake Pukaki

Lake Pukaki is the largest of three roughly parallel alpine lakes

Add to wishlist
I've been here
Visited
Minnewater

Minnewater or Love Lake is a lake in the center of Bruges, Belgium

Add to wishlist
I've been here
Visited
Meiktila Lake

Lake Meiktila (Burmese: မိတ္ထီလာကန် ]) is a lake located near Meiktila

Add to wishlist
I've been here
Visited
Dique do Tororó

O Dique do Tororó é o único manancial natural da cidade de Sa

See all similar places